English | Español
Somali | ကညီကျိာ် | Afaan Oromoo
Hmoob | 普通话
Sababoota hojjatan dhaabbata tajaajila mul'atu ykn mana ykn biiznasii keessan keessa galuu gaafatuuf:
- Yoo maammilli gaafate – isin, ykn abbaan lafaa kan kireeffattan yoo ta'e
- Tajaajila addan kutuuf erga beeksisni addan kutuu qaqqabee booda
- Yaaddoo nageenyaaf, kan akka dhangala’aa gaazii ollaadhaan waamame ykn erga tajaajilli gaazii addaan citee booda ibsaawwan socho'an meeshaa irra deebi’anii ibsuuf
- Meetira argachuuf
- Muka ciruuf, sarara humnaa awwaalame agarsiisuuf, ykn tajaajila humnaa ykn gaazii addaan cituu wajjin walqabatee jiru deebisuuf
Haalli hatattamaa balaa lubbuu ykn qabeenyaa fidu yoo mul’ate, dhaabbanni tajaajilaa fayyadamaa bakka tokkotti akka seenan ni hayyamamaa.
Haa ta'u malee, dhaabbileen tajaajila gowwoomsitoonni hojjettoota tajaajila of fakkeessanii dhangala'aa qoranna jedhanii ykn akka addaan hin cinneef kaffaltii gaafachuun isaanii gabaaseera.
Hojjataan dhaabbata tajaajilaa balbala irra jiraachuu akkamitti adda baafama:
Waraqa eenyummaa gaafachuu: Hojjata mana keessan galchuun dura waraqaa eenyummaa gaafachuu. Hojjattoonni, fi kontiraaktaroonni hedduun, gara qabeenya maamila seenuuf hayyaama qaban dhaabbata tajaajila isan kennaan irraa waraqaa eenyummaa ni baatu. Yeroo baay'ee uffata adda ni uffatu akkasumas konkolaataa asxaa dhaabbata tajaajila isaanii qabu konkolaachisu.
Yoo yaaddoo qabaattan eenyummaa nama dhuunfaa sanaa mirkaneessuuf dhaabbata tajaajilaatti bilbilaa. Lakkoofsi bilbilaa dhaabbilee tajaajilaa gurguddoo Minnesota keessa jiraniif kunooti. Teessoo keessanitti tajaajila kan kennu eenyu akka ta'e yoo hin beekne, waajjira mootummaa naannoo keessanii
qunnamaa.
Utility and Contact Information | Utility Logo |
|---|---|
|
|
|
|
|
|
|
|
|
|
|
|