Yoo cufamuun elektirikii ykn gaazii uumamaa isin muudate ykn kaffaltii keessan kaffaluu hin dandeenye:
Dhaabbata tajaajilaa keessan qunnamuun karoora kaffaltii kaa'aa.
Minnesota keessatti namni kaamiyyuu eegumsa seeraa ni qaba, garuu garuu qorraa illee, ofumaan cufamuu kan dhorku hin jiru. Dhiyeessaa electrikii ykn gaasii uumamaa keessan qunnamuu fi karoora kaffaltii gaafachuu qabdu.
Namni kamiyyuu karoora kaffaltii haala maallaqa maatii isaa fi haala hir'achuu kamiyyuu ilaaluuf mirga seeraa qaba. Dhaabbanni tajaajila sagantaa kaffaltii giddu galeessa ta'e sirreessuuf tokkoon tokkoon maamilaa waliin hojjachuu qaba.
Karoora kaffaltii itti fufuu hin dandeenyu jettanii kan yaaddan yoo ta'e walii hin galiina. Kaffaltii altokko yoo dhiistan, isin irra cituu danda'a.
Yoo waliigaltee irra geessan, koomishinii dhaabbata tajaajila ummaataa MN qunnamaa.
| 651-296-0406 |
| 1-800-657-3782 |
| consumer.puc@state.mn.us |
| Website |
Kaffaluu kan hin dandeenye yoo ta'e karoora kaffaltii dhaabbanni tajaajila isinii dhiyeesse fudhachuuf hin dhiphatinaa. Inumaa, Waajjira Dhimmoota Maamilaa MN PUC jiru qunnamaa. Isaan karoorawwan kaffaltii irratti maamilaa fi dhaabbata tajaajila giddu galuun ni araarsu.
PUC 'n tajaajila hiika afaanii ni qaba.
Gaafiiwwan dabalataaf ykn kaffaltiiwwan humna ibsaa gara fuuldurratti hir'isuuf gargaarsa yoo
barbaaddan Boordii Dhaabbata Tajaajila Lammiilee (CUB) qunnamaa.
| 651-300-4701 |
| 844-646-6282 |
| contact@cubminnesota.org |
| Contact Form |
CUB dhaabbata abbakkattoo maamilaa bu'a-maleessa ta'eedha. Haala lammummaa/baqaa (maqaan dhaabbaticha malee) Minnesota keessatti nama hunda waliin hojjetu. Tajaajiloota CUB tiif kaffaltiin gonkuma hin jiru.
CUB tajaajiala hiika afaanii hin qabu.
Odeeffannoo dabalataaf, https://cubminnesota.org/shutoff-help daawwadhaa.