Seasonal Energy Tips: Translated to Oromo

Seasonal Energy Tips: Translated to Oromo

Translation services were provided by the City of Minneapolis’s Neighborhood and Community Relations Department.

Winter Energy Saving Tips

  1. Termoostaatii keessan sirreeffadhaa. Dippaartimentiin Anisaa yeroo hin rafnee fi mana jirtan ho’aqabbana mana keessanii digree 68 irra akka kaawwattan, gaafa raftan yookin ammo manaa deemtan digiirii 10 gadi buusuu akka qabdan isin gorsa. ho’aqabbana manaa 55 gadi dabarsuun tasumaa dhorkaadha. Kunis cabbaa’uu ujummoo bishaanii oolcha
  2. Aduu fayyadamaa. Guyyaa guyyaa golgaa manaa banuun ho’a aduu akka seenu godhaa. Galagala ammo golgaa cufuun ho’a sana mana keessatti ittisaa.
  3. Kara qilleensi yaa’u haguugaa. Yoo foddaan qilleensa yaasa ta’e kan pilaastikii ta’e fayyadamaa. Balbalas sirriitti cufuun qilleensa diilallaa’a akka mana hin seenne dhorkaa.
  4. Nyaata keessan qusannaan tolfadhaa. Yeroo tokkotti baay’isaa tolfadhaa. Diilalleessaa kuufadhaa. Mooqaa fi ittoo biraa xuwwee suuta bilcheessutti tolfadhaa. Nyaatni suuta tolfamu humna qusata akaksumas hedduu namatti tola
  5. Yeroo ayyaana garaa garaatti LED lights fayyadamaa. Ifaan mana kessan miidhegsuu yoo barbaaddan LED bitadhaatii fayyadamaa.  
  6. Faarnasii ykn Boyilerii keessan yeroo yerootti hojjechiisaa. Dhimbiibduu isaas gedderaa. Kun manni keessan sirriitti akka hojjetu godha.
  7. Ho’iftuuu manaa sirratti fayyadamaa. Ho’iftuu kutaalee manaa yeroo mana jirtan qofa fayyadamaa. Waantota kutaa sana keessa jiran ammo fageenya gaarii ta’e irra ka’aa.
  8. Sirriitti uffadhaa. Uffata isinitti ho’u, uffata qorraa, akkasumas kaalsiin yeroo gannaaf murteessoodha. Waanta laffarra buufamu qabaachuunis mana ho’isuuf gaariidha.  
  9. Bakka ibidda itti bobeessitan qulqullessa. Bakka ibiddaa sirriitti qabaa. Bakka ibiddi itti bobeeffamu cufuun ho’a qusadhaa.
  10. Qilleensa guutuu manaa keessa dhufu kallattii isaa sirreessaa. Akka suuta hojjetu godhaa. Qilleensa ho’aa akka gadi baasutti qajeelchaa.

Spring Energy Saving Tips

  1. Temoostaatii keessan haala qilleensaa ilaaluun qajeelfadhaa. Yeroo qilleensi diilalla’u mana keessan digirii 68 irra ka’adhaa. Yoo mana baatan ykn halkan ammo digirii 10 gadi buusaa. Yoo alli ni ho’a ta’e qilleensa diilalleessitu digirrii 78 irra godhadhaa. Termoostaatii  atomaatikii of to’atu fayyadamuun gaariidha.
  2. Aduu to’adhaa. K Guyyaa diilalla’u foddaa banaa godhaa ho’aa mana keessatti eegaa. Gaafa ho’u ammo mana cufuun qabbaneessaa.
  3. AC keessan sirriitti hojjechiisaa. Yeroo qilleensi ho’utti AC akka sirriitti hojjetu mirkaneeffadhaa. Qulqullina isaas eegaa.
  4. Foddaa manaa banuun manni keessan akka qabbana’uu godha.
  5. Faanii qilleensaa fayyadamaa, AC irra ni wayya. Faanii guutuu manaa keessa gadi dhufus kalllattii isaa sirreessuun akka ho’i gadi hin dhufne godhaa.
  6. Calaltuu faarnaasii gedderaa. AC tokkicha mana waliin ga’u qabaattan, qilleensi faarnaasii keessa adeema. Kanaaf faarnaasii keessan qulqulleessuun murteessaadha.
  7. AC kan bakka isinii buusan biratti galmaa’aa. Tajaajila kana kan kennan naannoo keessanii barbaadaatii galmaa’aa. AC fi meeshaa barbaachisoo biro gaafa bitattan gatii gadi bu’aa argachuufis itti fayyadamtu
  8. Shaworii gabaabbaa fudhadhaa. Kunis bidhaan ho’aan akka hin dhumne fayyada.
  9. Faanii mana fincaanii fayyadamuu hin dgatainaa to. Kun ho’a hin barbaachifne mana keessaa baasee kutaa manaa kan biraatti akka hin darbine gargaara.
  10. Firiijii keessan qulqulleessaa. Kun waggatti yeroo lama yoo godhame gaariidha.

Summer Energy Saving Tips

  1. AC keessan qorachiisaa. Dippartimentiin annisaa ho’aqabbana mana keessanii digirii 78 irra akka keessan gorsu.
  2. Termoostaatii saganteeffamu fayyadamaa. Kunis qilleensi yoom ol ka’uu fi gadi bu’uu akka qabu ofii isaan beeke akka qajeelchu godha
  3. Sagantaa qusannaatti fayyadamaa. Sagantaan kun AC n keessan yeroo annisaa baay’een fayyadamu ofii isaanii akka cufee of banu gargaara.
  4. AC caalaa faanii fayyadamaa. Faaniin qabbana digirii 4 akka isinitti dhagaa’amu gochuu mala. Yeroo manaa keessa baatan ammo cuftanii annisaa qusachuu dandeessu. ho’aqabbana manaa gadi hin buusu garuu mana qabbaneessa.
  5. Faanii fi karaa qilleensi ba’u mara qulqulleessuun akka qilleensi sirriitti mana keessa yaa’u godhaa.
  6. Ibsaa ykn TV naannoo Termoostaatiii hin dhaabinaa. Termoostaatiin ho’a sana harkisuun akka AC n yeroo dheeraa hojjetu gochuu mala.
  7. Ganamaa fi galgala akka qilleensi mana seenuuf foddaa banaa. Guyyaa ho’i jiru ammo golgaa fi foddaa cufuun diilalla mana keessaatti eegaa.
  8. Faanii mana fincaanii fayyadamuun qilleensa ho’aa fi jiidha qabu keessaa qulqulleessaa.
  9. Ittoo ykn daabboo yeroo hedduu ho’u hin tolchinaa, uffata gogsuus ta’e waantoota mana ho’isaan guyyaa baay’ee ho’u hin fayyadaminaa. Tarii alatti ittoo tochuudhaan mana qabbaneessuun gaarii ta’a.
  10. Yeroo AC keessan geddertan kan humna qusatu filadhaa. Kunis humnaa fi qarshii isiniif qusachuuf gaariidha.

Fall Energy Saving Tips

  1. Termoostaatii keessan sirreeffadhaa. Dippartimentiin annisaa ho’aqabbana mana keessanii yeroo dammaqxanii jiratn digirii 68 irra akka keessan gorsa. Gaafa manaa baatan yookin raftan ammo digirii 10 akka gadi buuftan gorsa.
  2. Termoostaatii ofiin of qajeelchu fayyadamaa. Kunis faarnaasiin keessan yoom akka of banuu fi of cufu qajeelchuu dandaa’a.
  3. Faarnaasii keessan hojjechiisaa kunis akka qilleensi gadi bu’aa adeemuun sirriitt hojjechaa jiraachuu isaa beekuuf fayyada.  
  4. Aduutti fayyadamaa. Golgaa mana banuun guyyaa ho’I aduu akka mana ho’isu godhaa.
  5. Foddaa fi balbala ilaalaa qaawwaa qorra seensisu yoo jiraate cufaa
  6. Uffata dabaladhaa. Yeroo qorraa uffata dabalachuun qorra ofirraa ittisaa gatii annisaaf baastaniis hir’isaa
  7. Bifa gaariin nyaata bilcheeffadhaa. Waan hedduu wal faana bilcheessaa, yeroo gabaabaattis bilcheessaa. Distii , Oveenii fi maayikiroweevii fayyadamaa.
  8. Firiijiin keessan guutuu haa ta’u. I Firiijiin keessan duwwaa yoo ta’e waan barbaachisuun guutaa malee duwwaa hin godhinaa. Yoo hedduu guute ammaoo waan hin barbaachifne keesaa gataa.  
  9. Bakka ibiddaa qulqullinaan qabaa. Bakki ibiddaa keessan nagaa ta’uusaa hubadhaa. Yerooo hin fayyadamne cufuun annisaa qusadhaa.
  10. Faanii guutuu mana keessa dhufu qajeelchaa. Akka suutu qilleensa baasuu fi ho’a gadi ergutti qajeelchaa.

Translation Disclaimer: The Oromo version is a translation of the original in English for information purposes only. If any questions arise concerning the accuracy of the information presented by the translated version, please refer to the English version.

Stay in the loop!

Get the latest updates with CUB's monthly newsletter.

You have successfully subscribed to the newsletter

There was an error while trying to send your request. Please try again.